Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Afrikaa Kibbaatti gamoon abbaa darbii hedduu jiguu isaatiin yoo xiqqaate namoonni jaha du’anii hedduun ammoo achi buuteen isaanii dhabame

ONM-ABO Caamsaa 8,2024

Gamoon abbaa darbii hedduu qabu Wiixata waaree booda magaalaa Afrikaa Kibbaa Joorji keessatti erga jigee booda balaan lubbuu dhabamsiisuu fi miidhaan qaamaa qaqqabuu  qondaaltonni Kibxata kaleessaa ibsan.

 Ergamni baraarsaa ammallee itti fufee jiraachuu himuun, erga gamoon kun bulchiinsa Western Cape naannoo sa’aatii 2:00p.mtti yennaa  ta’u sa’aatii biyya keessaa (8 a.m) akka ta’e Bulchiinsi Magaalaa Joorji ibsa kenneen himeera.

 ”Yeroo ammaa gareen hojjettoota baraarsaa sadii bakka gamoo jigee jiru keessatti naannoo adda addaa sadiitti hojjechaa jiru,” jedha ibsichi.

 Hojiin baraarsaa kun guyyoota afur hanga shanii kan fudhatu yoo ta’u, hojjettoonni balaa tasaa 111 bakka sanatti akka argaman Mootummaan Keep Weesti Kibxata ibseera.

 Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan ibsa Kibxata darbe waajjira isaanii irraa kennaniin, “Yaadni Pirezidaantichaa maatii namoota jaallatan dhaban akkasumas maatii namoota 50’tti dhihaatan kanneen caccabaa keessatti qabaman waliin jira” jechuun jajjabina hawwaniiru.

 Raamaafoosaan akkamiin taatee kun akka mudate, “hawaasatti cufamuu fi balaan kun akka hin deebi’amneef” akka qoratamus gaafataniiru jechuun CNN gabaaseera.

Exit mobile version