Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Balaan mana bashannanaa halkanii Rippabiliika Doominikaa keessatti mudateen namootni du’an 113tti ol ka’e

ONM-ABO Ebla 10, 2025 

Rippabiliika Doominiikaa keessatti kufaatii foddaa mana bashannanaa halkanii keessatti mudateen lubbuun namootaa du’aanii gara 113tti ol guddateera jedhan Tajaajilli Balaa Tasaa biyyattii Roobii kaleessaa.

“Lakkoofsi namoota du’anii ganama kaleessaa gara 113tti ol guddateera,” jedhan daayreektarri Giddugala Hojii Balaa Tasaa Juuwaan Maanu’eel Mendez.

Hojjettoonni baraarsaa carraaqqii barbaacha kanaan dhiibbaa gochaa kan turan yoo ta’u, kunis gamoon erga caccabee sa’aatii 24 ol booda reeffa funaanuu qofa irratti daangeffamuu jalqabe.

Weellisaan beekamaan Doominikaan Merenguye Perez, mana bashannanaa halkanii beekamaa Jet Set irratti waltajjii irra kan ture yoo ta’u, Kibxata halkan walakkaa booda yeroo muraasa booda, namoota ajjeefaman keessaa tokko akka ta’e hogganaan isaa himaniiru jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version