ONM-ABO Caamsaa 11, 2024
Kaleessa Caamsaa 10, 2024 irree fi gaachanni sabaa WBOn zoonii Kibba Baha Oromiyaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa ganda 2 keessatti tarkaanfii fudhaachuun diina olii fi gadii gugsee gara magaalaa irraa baateetti deebisee jira.
Korommiiwwan Kibba Baha Oromiyaa cichitoonni kayyoo haqaa aanaa Muneessaa ganda Heeban Laaqichaa keessatti diina maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa hiraarsaa turte guyyaa guutuu uummaata keessa figsisee rasaasaan waaduun loltoota 25 ajjeesuun 31 ammoo madoon adabuu beeksisee jira.
Akka odeessi keesso isaanii ba’u ifoomsutti loltootni mada’an kun du’aa fi jiruu jidduu jiraachuu isaanii akkasumas qondaalli waraanaa isaan keessa jiraachuun barameera.
Haaluma wal fakkaatuun Godina Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaa ganda Qancaree keessatti Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa halkan kaleessaa jechuun Caamsaa 10 galgaala sa’atii 1:20 hanga 5:43 tti diina iddoo qubsuma isheetti itti dhaquun baqaachisee magaalaa Qancaree keessaa gara baadiyaatti baasee jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn magaalicha keessaa erga baasee diinni kun wareeruun baadiyaa keessatti dhukaasaa bultee jirti.
Tarkaanfii kanaanis irree fi gaachanni sabaa WBOn loltoota 20 ajjeesuun 18 maddeessee meshaalee hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisumma Oromoof galii godhee jira!
Walumaagalatti waraanni faashistii PP godina Arsii Bahaa keessa jiru WBOn humna keenyaa oli jechuun humna dabalataaf kaabinoonni bilxiginnaa qaama olii gaafachaa jiraachuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

