ONM-ABO Caamsaa 13, 2024 Guyyaa kaleesssa jechuun Caamsaa 12 godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo diina maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa hiraarsaa turte haxxee itti hidhuun dhukkee nyaachisee ofi duuba deebisee jira.
Korommiiwwan Kibba Bahaa Cibraan Madda Walaabuu godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti waraana PP maqaa sakattaa WBO jedhuun uummata nagaa badii tokko malee ajjeesa, hidhaa, qe’ee fi qabeenyaa isaanii saamaa turte tarkaanfii haxxeen irratti fudhateen loltoota Abiy Ahimed 10 battalatti irraa ajjeesuun 7 madeessee uummaticha keessa baqachisuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof❗️

