Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abooteetti hidhaa fi dararaan yoo hammaatu, Finfinnee kutaa magaalaa Birbirsa Gooroo keessaa barsiisaan tokko qabamuun hidhame

ONM-ABO Caamsaa 18, 2024

Rakkoon namoomaa Oromiyaa Kutaalee adda addaatti jabaachuun kan himamu yoo ta’u, jiraattoonni magaalaa Ejeree fi gandoota baadiyyaa irraa qabamanii hidhamuun maallaqa guddaa gaafatamaa jiran qarshii Kuma dhibba tokkoo hanga Kuma dhibbaaf shantamaatti kaffalaa akka jiran dubbatu.

Akka ragaa qabatamaa maddeen keessoo PP baasan ifoomsutti jiraattota magaalaa fi baadiyyaa irraa walumaa galatti namoonni 121 waajjira poolisii bulchinsa magaalaa Ejereetti hidhamanii jirus jedhu.

Namoota haala kanaan hidhamanii hiraarfamaa jiran muraasni maqaan nu ga’e: Tolaa Taaddasaa, Baloo Damisee, Taammanee Turkii, Asaffaa Laggasaa, Xibabuu Nugusee, Birhaanuu Baloo, Laggasaa Nugusee, Biraanuu Dagoo, Tasfayee Raggaasaa, Tafarraa Margaa, Tolchaa Nagaashuu, Balaay Raggaasaa, Dhugumaa Alamuu, Damisoo Badhitoo, Mootii Jimaa fi Taaddasaa Taayyee kanneen jedhaman dabalatee hedduu ta’uun beekameera.

Oduu biraatiin ammoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Birbirsa Gooroo irraa barsiisaa Booranaa Raggaasaa jedhamu Caamsaa 9, 2024 yakka tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamee hidhame hanga ammaatti osoo gad hin dhiifamin jiraachuus maddeen ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version