ONM-ABO Caamsaa 18, 2024
Naannoo Oromiyaa godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti waraanni maafiyaa PP hawaasa nagaa hidhaa fi hiraarsaa jiran jabeessuun namoota hedduu qabanii ”isin dabballee WBO’dha jechuun meeshaa waraanaa isaanii itti kennuun fakkeessanii hidhaa akka jiran dubbatu.
Namoota maqaan isaanii Gabbisaa Sanbataa, Lammaa Gadaa, Laggasaa Abdii, Dhaqqabaa Tolasaa, Biraanuu Angaasuu fi Tolasaa Laggasaa jedhaman badii tokko malee ganda Tuulii Dasee irraa qabuun magaalaa aanaa sanaa kan taate Hincinnii keessatti gaafa Caamsaa 09, 2024 hidhanii jiru.
Aanaa kana gandoota 30 ol keessatti dhiittaan mirga namoomaa humnaa ol kan baay’atee fi yaaddessaa ta’eedha kan jedhan jiraaatonni, ganda Caancoo Birrattuu jedhamu keessaa ammoo, namoota maqaan isaanii: Takiluu Badhaanee, Qananii Badhaanee, Dabalaa Toleeraa, Taammiraat Nugusee, Baacaa Katamaa, Tolasaa Toleeraa, Shaambal Asaffaa, Girmaa Bittiraa fi Geetaachoo Xiiqoo jedhaman qabuun hidhaa keessatti dararaa ulfaataa irraan geessisaa kan jiran ta’uu fi namoota kanas humnaan gara leenjii waraanaatti erguuf akka jiran jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

