ONM-ABO Caamsaa 25, 2024
Bakkeewwan adda addaa irraa gosoota kaffaltii uumuun uummata dararee qarshii saamuun ol kaa’ee of jiraachisuu kan bare waraanni faashistii Abiy Ahimed, uummata magaalaa fi baadiyyaa jiraatan mara hidhaa fi dararaa hamaa irraan ga’uun cinaatti gidduu kana immoo taatee takkaa ta’ee hin beekne bifa biraan kalaquun hawaasa irraa qarshii saamaa akka jiru dubbatan.
Haaluma kanaan aanaa Leeqaa Dullachaa magaalaa Baandiraatti jiraattonni gabaa seenanii daldalachuuf qarshii 250 kaffalaa akka jiran dubbatu.
Waraanni faashistii PP saamichaaf bobba’e kun, jiraattonni gabaa magaalaa Baandiraatti bittaa fi gurgurtaaf qarshii 250 kaffalanii naga’ee fudhachuun akka waraqaa eenyummaatti agarsiisuun gabaa seenuun kan danda’amuu fi namoonni qarshii sana kaffalanii naga’ee hin fudhanne immoo gabaa seenuu dhorkamuu jiraattonni ONM’tti himan.
Akka aanaa Leeqaa Dullachaatti, hawaasa hunda irraa gatii ishuraansii fayyaa fi deggersa milishaa” jechuun jiraattota hunda irraa namni tokko akka qarshii 1800 kaffalu gochuun hawaasni aanichaa sababa tokko malee waraanaan doorsifamee akka kennaa jiru ibsameera.
Magaalaa bakka dhaabbii horiitti re’ee fi hoolaaf qarshii 25 fi horii gurguddaa irratti immoo qarshii 200 fi isaa ol kaffalchiisaa jiraachuu ONM jiraattota aanichaa irraa odeeffateera.
Godinichuma aanaa Diggaatti reebicha, hidhaa fi saamicha garmalee jabeessuun jiraattota ganda Furdisaa irraa ‘gatii gibiraa’ jechuun hawaasa reebanii maallaqa irraa walitti qabataa jiraachuus dubbatan.
Gaafa Caamsaa 11, 2024 namoota maqaan isaanii Magarsaa Amanuu fi Caalaa Qinaaxxii jedhaman humnaa ol reebanii qaama laalessuun rakkoo hamaa keessa galchuun barameera.
Dabalataanis, waraanni faashistii Abiy Ahimed ganduma kana keessa kan jiraatu nama maqaan isaa Sambatoo Waaqumaa jedhamu osoo inni magaalaatii qoricha ittiin hawaasa yaalu bitatee galaa jiruu gaafuma Caamsaa 11, 2024 situ WBO yaala” jechuun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda, mana hidhaa geessanii achittis baay’ee dararuun qorichoota inni bitatee galaa jiru hunda harkaa saamanii isa gadi dhiisuu jiraattonni gandichaa dabaluun ONM’tti himaniiru.

