Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa  Shaggar aanoolee adda addaatti uummata hidhuu fi ajjeesuun itti fufe

ONM-ABO Caamsaa 27, 2024

Waraanni murna gabroomfataa Abiy Ahimediin durfamu godinaalee Oromiyaa hundarraa hawaasa nagaa saamuu, hidhaatti guuruu, ajjeesuu fi reebichaan laalessuun yakkoota gurguddoo hawaasa irratti raawwataa jiraachuun beekameera. 

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti waraanni maafiyaa PP nama tokko ajjeesan. Sirni kichuu galaafatee fixuun beekamu kun, gaafa Caamsaa 21, 2024 nama maqaan isaa Girmaa Kabbadaa jedhamu aanaa Meettaa Walqixxee ganda Bakoo Jal’isaa jedhamutti ajjeesanii gatuu fi namni kun badii isa ajjeesisu tokkollee akka hin qabne jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru. 

Hawaasa meesha maleessa yoo hidhe malee nagaa kan hin arganne waraanni maafiyaa PP  aanaadhuma kana ganda Iluu Daannisaa irraa gaafuma Caamsaa 21, 2024 namoota maqaan isaanii Asheetuu Taaddasaa fi Taammiruu Ajjabaa jedhaman maqaa sakatta’insaan badii tokko malee mana isaanii keessaa fuudhamanii hidhamuunis himameera.

Exit mobile version