Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irree fi gaachani ummaata Oromoo WBOn Zoonii kibbaa godina Gujii Lixaa fi Booraana keessatti tarkaanfii cimaa fudhachuu beeksise

ONM-ABO Caamsaa 25, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa konyaa Gujii Lixaa fi Boorana keessatti torbee kana tarkaanfii humna waarana faashistii Abiy Ahimed irratti fudhachaa ture cimse itti fufee jira.

Caamsa 24, 2024 godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa bosona Baddaa Magaada bakka adda Haroo Dannabaa jedhamu keessatti gootichi abdii saba Oromoo humna badii waraana maafi’aa PP kan bosona Baddaa Magaadaa keessaa humna WBO balleessina maqaa jedhuun bosona ciraa turte irratti tarkaanfii guggubduu sa’a 8:00 hanga 11:00tti fudhateen gootichi abdii sabaa humna diinaa bakkoota garaagaraa irraa walitti birmannaan dhufte 40 ol ajjeesuun 30 ol madeessee hojii ala taasisee jira.

Guyyuma kana sa’atii wal fakkaatuu kessaatti Godina Booraanaa Aanaa Areeroo gandaa Hirmaayyeetti Cibraan Madda Albuudaa fi Cibraan Gooroo Dugdaa walin ta’un waarana PP kan yeroo dheeraaf uummata Oromoo reebichaa fi dararaa irratti raawwataa ture tarkaanfii guyyaa Aduu saafaa irraa fudhateen akka baalaa harcaasee hedduu du’aa fi madoon adabee kan hafte addaan bittinneessee jira .
Akkasumas galaa ishee, uffata waraanaa fi rasaasa guutumaan guutuutti irraa dhuunfatee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Exit mobile version