Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa keessatti waraanni sirna PP maqaa WBO deggertu jedhuun namoota nagaa irratti hidhaa raawwatan

ONM-ABO Caamsaa 25, 2024

Murni wal ta’ee saamaa oolu Oromiyaa bakkoota hundatti, gara laafina tokko malee gocha dabaa daangaa hin qabne uummata Oromoo irratti raawwachuu itti fufuun, badii tokko malee hidhaattis darbachuun uummata qaala’iinsi jireenyaa jireenya itti hadheessee jirutti akkuma fanxoo irratti cophxoo jedhan uummata gidirsaa jiru.

Akkuma kanaan gocha isaanii uummata Oromoo cunqursuu irratti xiyyeeffatanii kan hojjetan ergamtootni kunneen, Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa Bulchiinsa Magaalaa Fiigaa keessa kan jiraatu, nama maqaan isaa Israa’el Taaddasee jedhamu hojii daldalaan ofii fi maatii isaa kan jireessu, Caamsaa 24, 2024 ati hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuun bakka hojii isaatii qabuun hidhaatti darbachuun qabeenya isaas buna kuntaala 16 jalaa fudhachuu ibsan.

Murni akka uummata nagaa jeeqanii fi saamaniif bobbaafaman kun, sababa hin barbaachifne kan namoonni keessaa quba hin qabneen yakkanii saamuun hiyyummaatti hambisaa jiraachuu fi namoota maqaan isaanii dha’amu hin feene tokko tokko ONM’tti himaniiru. Akka namootni kun jedhanitti  Israa’el Taaddasee badii qabaatee osoo hin taane, Oromummaa isaa qofaan yakkuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu fi saamicha irratti raawwachuun isaaf maatii isaa hagabsuuf kan xiyyeeffatan  ta’uu himuun, gochi kun bor ammoo nuuf deema jechuun hadheeffatanii dubbataniiru.

Exit mobile version