Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Coqorsaa bulchiinsa magaalichaa keessatti kokolaachisaan baajaajii tokko loltoota Bilxiginnaan rukutamuun madaa’uun dhaga’ame 

ONM-ABO Ebla 17, 2025

Ebla 16, 2025 ganama obboroo godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa bulchiinsa magaalichaa keessatti dargaggeessi maqaan isaa Daannoo Tasfaayee jedhamu kan hojii konkolaachisummaan jiraatu tokko loltoota abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin rukutamuun madoo ulfaataan irra ga’uu gabaasni onicha irraa nu qaqqabe ni addeessa.

Dargaggeessi kun ganama hirriba irraa ka’ee gara bakka hojii isaatti imala taasisaa kan ture yoo ta’u, naannoo mooraa baajaajii inni konkolaachisu bulee jiru cina akkuma ga’eenis dhukaasni irratti banamuu jiraattonni dubbatu.

Battala dhukaasni kun dhuka’eenis dargaggeessi kun rukutamuun kan himamu oggaa ta’u, miidhaa ulfaataan irra ga’uun yeroo ammaa hospitaalatti yaalamaa akka jirus ibsameera.

Sababni rukutamuu dargaggeessichaas sochiin WBO gara sanatti haalaan jabaatee jiraachuu hordofee loltoonni waardiyyaa irra jiran gaafatanii adda baasuu irra nama nagaa hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’ee jiraatu akka rukutan addeeffameera.

Gara jabeeyyiin loltoota koloneel Abiy Ahimed raafamaa fi sodaa Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalaa seenee haleellaa nu irratti taasisa jedhuun halkan hirriba dhabanii dhaabbiin bulaa kan jiran yoo ta’u, bakkeewwan tokko tokkotti ammoo hubannoo tokko malee hawaasa nagaa irratti dhukaasuun ajjeesuu fi miidhaalee ulfaataa irraan gahaa jiraachuun irra deddeebiin mul’achaa kan jiruudha.

Exit mobile version