ONM-ABO Caamsaa 24, 2024
Baattoonni kaayyoo Minilik ergamtoonni sirna nama nyaataa bilxiginnaa guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo ajjeesuu, mana hidhaatti galchanii dararuu, saamuu fi qe’ee irraa buqqisuu hojii Idilee isaanii godhachuun, golee Oromiyaa mara keessatti gocha badii isaanii raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Akkuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti dheengadda Caamsaa 22, 2024 hidhattootni sirnichaa uummata nagaa gooluuf gandichatti bobbaafaman maatii qabsaa’otaa nu agarsiisaa jechuun namoota nagaa hidhan.
Namoota hidhaman keessaa kan maqaan nu ga’e Abduu Mahaammad ganda Dirree irraa, Yuusuuf Birruu ganda Godaayyuu irraa, Mohaammed Yesuuf ganda Manduuboo irraa, Aliyyii Musxafaa fi Jamaal Sooressaa kanneen jedhaman magaalaa Booraatti hidhamuu ibsan.
Namoonni hidhaman kunneen badii qabaatanii osoo hin taane ilmi keetii fi obbolaan keessan miseensa waraana bilisummaa Oromooti ittiin jechuun uummata nagaa maatii isaanii jiraachifachuun ala homaa hin beekne reebicha ulfaataa irratti raawwachuun hidhaniiru.
Oduu hidhaa fi reebichaan wal qabatuun godinichuma aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Dugugguruu, Luugoo fi Hiddaa keessatti Caamsaa 22, 2024 bulchaan ganda Mataharaa namni maqaan isaa Umar Ammad jedhamuu fi bulchaa ganda Marar kan ta’e namni maqaan isaa Ahimed Alii jedhamu waraanaa fi milishoota isaanii qe’ee uummataatti bobbaasuun ganda keessa dhaabbatanii dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananiin daa’imman, haadholii fi maanguddoota qe’eetti ol itti seenuun afaan qawween sodaachisaa fi sanyii isin balleessina jedhanii itti dhaadachaa turuu dabaluun ifoomsaniiru.
Guyyuma sana Caamsaa 22, 2024 hidhattootni kunneen nama tokko kan maqaan isaa Adam Samanii jedhamu jiraataa ganda Yaatuu kan ta’e osoo inni qonnaa qotaa jiruu qonna irraa hiiksisuun mana isaatti galchanii qabeenyaa isaa waan mana keessatti argatan cufa jalaa fudhachuun, walumaa galatti maallaqaa fi meeshaalee mana keessaa qarshii 300,000’tti tilmaamamu fudhachuun isas hidhan jechuun maddeen keenya dabaluun addeessaniiru.

