ONM-ABO Caamsaa 8, 2024
Uummata nagaa siyaasa irraa bilisa ta’ee jireenya dhuunfaa isaa gaggeeffatu ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi doorsisuun akka waan qabsoo bilisummaa Oromoo duubatti deebisuutti kan fudhatan ergamtoonni murna bilxiginnaa qe’ee hawaasa nagaatti bobbaafaman gochoota qorqalbii hawaasaa miidhu dalaguu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwaa Caffaa magaalaa Qalloo keessatti Caamsaa 6, 2024 murni bilxiginnaa shakkii waraanni bilisummaa Oromoo magaalaa Qalloo seenuuf jedhuun galgala sa’a 12:00 irraa eegaluun hanga sa’a 4:00’tti dhukaasa magaalicha keessa dhaabbatanii qe’ee hawaasaatti dhukaasaa turaniin jiraattota afaan qawween doorsisanii burjaajessaa turuu fi namoota hedduu irrattis saamichaa fi reebicha ulfaataa geggeessuun akka hidhan maddeen keenya himaniiru.
Namoota hidhattoota sirnichaan gaafa Caamsaa 6, 2024 magaalaa Qalloo ganda Odaa keessaa hidhamuun qabeenyaan isaanii saamame kan maqaan nu ga’e: Umar Hasee qarshii, mi’a mana keessaa tokko osoo hin dhiisin maallaqa 200,000’tti tilmaamamu jalaa fudhachuun isas yoo hidhan, Maammee Bashiir, Faaxumaa Asulee ijoollee ishee nama 5’n waliin hidhuun, haadha manaa Ahimed Muusaa kan ammaaf maqaan ishee nu hin ga’in ijoollee ishee 4 waliin qabanii akka hidhanis barameera.
Namoonni murna bilxiginnaan saamichi, reebichi fi hidhaan irratti raawwatame kun badii qabaatanii osoo hin taane Oromummaa qofaan yakkamuun akka hidhaman himuun, guyyuma namoota kanneen hidhan namoota maqaan isaanii nu hin ga’in hedduu harka duubatti hidhuun daandii gurraacha irra ciibsanii miidhaa qaamaa jabaa irraan ga’aa akka turanis maddeen dabaluun addeessaniiru.
Maatiin namoonni jalaa hidhaman kunneen nyaata, uffannaa fi wantoota achi keessatti isaan dhaban qabatanii mana hidhaa magaalaa Qalloo yoo deeman nuti hin arginee fi magaalaa Kamisee gaafadhaa jechuuniin, maatiin kunis Kamisee kan deeman yoo ta’u, achittis nuti hin argine ittiin jechuun nyaataa fi uffannaa isaaniis osoo irraa hin fuudhin ari’uun bakki isaan geessan akka hin baramnee fi maatiin warroota hidhamanii boo’ichaa fi rifaatuu guddaa keessa jiraachuu jiraattotni magaalaa Qalloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

