ONM-ABO Fulbaana 28, 2024
Balaa akka sabaatti uummata Oromoo irratti aggaamamee jiru irraa qolachuuf Waraanni Bilisummaa Oromoo qabsoo jabaatti kan jiru yoo ta’u, murni bilxiginnaa ammoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon daldala siyaasaa ol’aanaa taasifachuun maqaa maatii qabsaa’otaatii fi deggartoota WBO’ti jedhuun hawaasa nagaa hidhuu, saamuu, mana irratti gubuu, qe’ee irraa buqqisuu, akkuma salphaatti lubbuu ilmaan Oromoo balleessuu fi erga ajjeesanii illee awwaalcha dhorkachuun bineensa nyaachisaa jiru.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwaa Caffaa keessatti milishoonni sirna nama nyaataa PP kaayyoo nam-tokkee tiksuuf bobbaafaman dargaggoota lama irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun akka ajjeesan jiraattotni gamasii nuuf eeran.
Aanaa Daawwaa Caffaa magaalaa Qalloo keessatti Fulbaana 27, 2024 galgala sa’atii 11:30’tti milishoonni sirnichaa dargaggoota lama kan maqaan isaanii Jaafar Umaree fi Usaamaa Sayyoo jedhaman magaalicha keessatti namoota fuulduratti baasuun haala suukkaneessaan ta’een rasaasa ija 30 itti roobsanii akka ajjeesan barameera.
Akka jiraattotni magaalaa Qalloo ONM dubbise jedhanitti, daraggoonni kun dhalootaan ganda Qabballee ta’uu fi maqaa obbolootni keessan bosona jiru jedhuun qe’ee isaanii irraa hidhattoota murna bilxiginnaan ari’amanii magaalaa Qallootti kan galanii dha.
Dargaggoonni kunis umuriin isaanii 16 fi 17 kan hin caalle ta’uu kan himan jiraattotni kun, gareen bilxiginnaa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu araada godhate gaafatama obboloota isaanii itti deebisuun akka bineensaatti magaalaa gidduutti reebanii rasaasaan tumanii ajjeesan jechuun miira aariin dabaluun dubbatan.
Milishoonni murna bilxiginnaa naatoo dhala namaaf hin qabne kun dargaggoota kana magaalaa Qallootti ajjeesanii maatii qabsaa’otaa ajjeefne jedhanii erga biratti dhiichisaa turaniin booda reeffa konkolaataatti fe’uun magaalaa Kamisee mooraa waraana faashistii PP’tti buusanii bira taa’aa turan.
Maanguddootni biyyaa walitti yaa’uun reeffa kadhachuu magaalaa Kamisee mooraa waraana PP dhaqanii reeffa ijoollee nuuf kennaa jedhanii kadhatanis yeroo gabaasni kun qindaa’etti amma fudhachuu hin dandeessan deemaa iddoo dhuftanitti deebi’aa ni diddu taanaan nutuu beekna jechuun sodaachisanii achii ari’uu isaanii dabaluun addeessaniiru.
Ajjeefamuun kichuuwwan kanaa jiraattota gandichaatti rifaatuu fi gadda guddaa uumee kan jiru yoo ta’u, sirnoota dhufaa darbaan ol adeemaa, hayyuu fi goota keenya dhabnee teenyee boo’aa hin jiraannu falli tokkochi nuti qabnu abdii fi gaaddisa sabaa kan ta’e WBO waliin taanee falmachuu fi waan qabnuun cina dhaabbannee tumsuun gabrummaatti xumura goona jechuun dabaluun ibsaniiru.

