ONM-ABO Caamsaa 24, 2024
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoon hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru cimsuuf daawwannaa mootummaa Waashingitan DC’tti yeroo taasisanitti, Ameerikaan Keeniyaa Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti michuu ijoo biyyattii kan NATO ala taate ishee jalqabaa gootee moggaasuuf karoorfattee jirti.
Kamisa kaleessaa Waayit Haawusitti haasawa taasisaniin, Ruuttoon imalli isaanii gara magaalaa guddoo Ameerikaatti taasisan mallattoo michoomaa, tumsaa fi biyyoota lama kanneen gatii waloo qaban” gidduu jiru ta’uu ibsaniiru.
Har’a carraa walta’iinsaa fi tumsa ijaaruuf, kan rakkoo amma qabnu furuu qofa osoo hin taane egeree baay’ee abdachiisaa ijaaruuf carraa qabna jedhan pirezidaantiin Keeniyaa.
Waggaa darbe keessa, haalli siyaasa Afrikaa fonqolcha mootummaa waraanaa, waraanaa fi filannoo raafamaatiin morkattoonni Ameerikaa Chaayinaa fi Raashiyaa dhiibbaa guddaa akka qabaatan taasiseera.
Gama biraatiin, Baayiden fi Ruutoon invastimantii haaraa Ameerikaan deggaramuun anniisaa magariisaa fi oomisha fayyaa irratti taasifaman, karoora fe’umsa liqaa guddaa Keeniyaa irraa hir’isuuf qaban waliin ni labsu jedhamee eegama jechuun Waayit Haawus waraqaa dhugaa baaseen ibseera.
Ameerikaan karaa Dhaabbata Faayinaansii Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa Keeniyaatti invastimantii haaraa Doolaara miiliyoona 250 ifoomsiti.
Guutummaa naannichaa keessatti Keeniyaa fi Ameerikaan invastimantii qabnuu fi hojjettootaaf sadarkaa olaanaa ta’een fiigicha gara sadarkaa olaanaatti oofaa jirra jechuun Baayiden Kamisa kaleessaa ibsa kennaniin dubbataniiru.
Sadaasa keessa irra deebiin filatamuu kan barbaadan Baayiden, marsaa lammaffaa yoo injifatan Guraandhala 2025 ardii Afrikaa daawwachuuf karoorfachuu isaanii dubbataniiru jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

