ONM-ABO Caamsaa 29, 2024
Kaampaaniiwwan shittoo fi wantoota miidhaginaaf oolan oomishan galteewwan ijoolleen funaanan irraa ta’uu BBC qoratee saaxile. Galteen shittoo qaaliif oolu jaasmiin jedhamu ijoolleen akka funaanamu BBCn qorannoo gaggeesseen bira gaheera.
Dhaabbileen Bareeedinaa Lancôme fi Aerin jedhaman oomisha shittoo fi miidhaginaa meeshaa dheedhii kan argatan kanneen galtee ijoollee umriin hin geenye harkaan funaansisan irraayi.
Jaasmiin abaaboo biqiltuu shittoo qaalii omishuuf galtee ijoo yoo ta’u addunyaarratti walakkaa ol abaabon jasmiin kan funaanamu Masrii irraati.
Hojjattoonni dhaabbilee shittoo qaalii fi biraandii addunyaa ta’anii dhoksaan BBCtti akka himanitti dhaabbileen kun bajata waan xiqqeessaniif, kaffaltiin kanneen galtee shittoo dhiyeessaniif kaffalamu akka xiqqaatu gochuu himu.
Kanneen Masiriidhaa abaaboo jaasmin funaanuun dhaabbilee shittoo oomishaniif ergan sababa dhaabbileen kun bajata xiqqeessaniif ijoollee hirmaachisuun akka funaansisan himu.
UNtti ripportara gita bittaa ammayyaa kan ta’an,Tomoya Obokaata, qorannoon BBC waan ifa godhe arguu isaanitti akka gaddan ibsan.
Heebaan, Masirii bakka wiirtuu oomisha abaaboo jaasmiin taate, Gharbiyaa keessa jiraatti. Aduun abaaboo osoo hin miidhin dura ganamaan kaatee funaanuuf jecha halkan waarii sa’aatii 9tti maatiishee dammaqsiti.
Heeban akka jettutti ijoollee ishee afur nyaachisuuf jecha hojjetti. Masiriitti akkuma namoonni heddu abaaboo jasmiin funaanan godhan, Heeban dhuunfadhaan hojjatti. Ishee fi ijoollenshee hammuma funaanan, galii argatu.
Halkan tokkotti, ishee fi ijoollenshee osoo abaaboo jasmin 1.5kg funaananii gareen qorannoo BBC biratti argamuun waraabera. Kan gurgurtee argatte keessaa harka sadi abbaa lafaatiif erga laattee booda kan isheedhaaf hafe dolaara 1.5 qofa.
Masrii keessatti namoota 30,000 abaaboo galtee shittoo qaalii ta’e, jaasmiin, funaanan keessaa meeqa ijoollee akka ta’an hin beekamu. BBCn bara 2023 bakka abaabon jasmin funaanamu heddu deemun lammiilee Masirii heddutti dubbatee, sababa gatiin gadi bu’eef maatiin heddu ijoolleesaanii akka hirmaachisan BBCtti himaniiru.
Masiirii bulchiinsa Gharbiyaatii abaaboo oomisha shittoof oolu, jaasmiin, kan funaantu Heebati gatiin shittoo abaaboo isheen funaantuu addunyaarratti meeqa akka ta’e gareen BBC gaafa itti himu afaan qabatte.
“Uummanni as jiru warri abaaboo funaanu gatii homaa hin qabu jechuudha,” jette.
“Namoonni shittoo fayyadaman gidiraa daa’immanii achi keessatti akka ilaalanii fi dubbataniifan barbaada,” jetti jechuun BBC gabaaseera.
Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaatti humnoonni murna PP namoota mana sirreessaa keessaa baasanii ajjeesaa jiraachuu jiraattonni himan.
ONM-ABO Caamsaa 29, 2024 Aanaa Adaabbaa ganda Haqoo Kaarraa keessatti sababa hidhata WBO qabdaa fi nyaachifta jedhuun, namoota nagaa qabanii erga hidhaniin booda mana hidhaatii baasanii ajjeesaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Dargaggoo Abdurraahim Abdurroo Aliyyii nama ganna 12-13 gidduu jiru yoo ta’u, obboleessa keetu WBO keessa jira jechuun erga hidhaniin booda mana hidhaarraa baafamuun kan ajjeefame ta’uu ibsan.
Caamsaa 26, 2024 jechuun guyyaa sambataa dargaggoo Abdurrahiim Abdurroon alatti, Abdulkariim Bariisoo Qoojee fi Xaahir Sadee mana hidhaatii baafamuun ajjeefamuu jiraattuun naannichaa tokko himtee jirti.
Jiraattuun kun akka jettutti, obbo Abdulkariim Bariisoo du’a Artiist Hacaaluu hundeessaan booda irraa qabee waggaa lamaa oliif mana hidhaa keessatti kan dabarsan yoo ta’u, haadha warraa isaanii dabalatee maatii guutuun hidhamanii turuu himti.
Sababni hidhaa fi ajjeechaa kanaas hidhata WBO waliin qabduu fi WBO nyaachiftu kan jedhuudha jechuun himtee jirti.
Yeroo ammaa kana haalli nageenyaa naannicha keessa jiru ulfaataa fi sodaachisaa ta’uu kan himtu jiraattuun kun, uummanni badii fi waan hin beeknetti adabamaa jira jechuun dubbatti.
Sodaa lubbuu isaaf jecha namuu manaa gad bahuu kan sodaataa jiru ta’uu fi waan quba hin qabnetti jumlaan hidhamaa jiraachuu himte.
Yeroo ammaa kana namoota gara 150 qabuun mana hidhaatti naqanii jiru kan jettu jiraattuun kun, namootni kunneen badii tokko malee yakkamaa ta’an jechuun yaada ishee ONMf qooddeetti.
