Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaatti saamichaa fi hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Saddasa 1, 2024 

Saba guddicha gaanfa Afrikaa Uummata Oromoo afaan qawween jilbeenfachiisee  garbummaa jalatti cafaqee bulchuu kan barbaadu murni Oromummaa hadheeffachuun Itiyoophiyaanummaa faarsu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa bobbaasuun hawaasa nagaa hidhuu, ajjeesuu, qe’ee fi qabeenya isaa ibiddaan jalaa barbadeessuu fi kkf hojii idilee godhachuun itti fufanii jiru.

Aanaa Ammayyaa ganda Marii Sakalaa Karrayyuu jedhamu keessaa Onkoloolessa 22, 2024 ergamtoonni garaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee nama maqaan isaa Abbaa Booruu jedhamuun waamamu jalaa loon 6 ooffatanii dallaa isaa onsanii qullaatti hambisanii deemuu jiraattonni ONM’tti himan.

Oduu hidhaatiin ammoo, guyyuma kana ergamtoonni sirnichaa loon Abbaa Booruu erga saamanii booda miseensota maatii isaa haadha warraa isaa nama Are adde Askaalaa Taaddasaa jedhamtu daa’ima waggaa tokkoo fi ilmaa ishee kan biroo Umar jedhamu akkasumas, jiraattota gandichaa hedduu kanneen maqaan isaanii:

  1. Shittoo Girmaa,
  2. Kennasaa Dinqaa,
  3. Shittoo Sirnaa,
  4. Gaachanaa Kennasaa,
  5. Yaadannoo Kennasaa fi
  6. Fedhashii Kennasaa jedhaman badii tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’f eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta’anii fi ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhanii dararaa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version