Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bilxiginnaan Godina Baha Shaggar keessatti dargaggoota kanaan dura humnaan qabanii leenjisan waltajjii baasuun walitti qabanii doorsisuu fi hidhaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024

Impaayera bututaa deebisee Oromoo irratti suphuuf qe’ee Oromoo keessa olii fi gadi fiigee dargaggoota afaan qawween ukkaamsee dirree waraanaatti guuruu kan aadeffate bilxiginnaan namoota leenjise kanarraas amantaa dhabuun jeequmsa guddaa irratti kaasaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti kaleessa Waxabajjii 2, 2024 dargaggoota kanaan dura aanicha keessaa qabanii leenjii gaachana sirnaa jechuun leenjisan waltajjii baasuun isin hojii tokkoyyuu hojjechaa hin jirtan, kana booda sirnaan amanamtanii hojii hin hojjettan taanaan ni hidhamtu jechuun doorsisaa fi itti dhaadachaa turuun barameera.

Dargaggoonni kunis utuu Waraanni Bilisummaa Oromoo akkasittiin waraana mootummaa du’aa fi madoon adabaa jiruu, nuti kanatti hin deemnu hojicha dhiisna malee jechuun yaada isaanii ibsachaa turanis baay’ina waraana qabaniin doorsisa hanga lubbuu isaaniitti irraan ga’aa turan.

Dargaggoota kana walitti qabuun itti dhaadachaa kan oole itti gaafatamaa paartii bilxiginnaa magaalaa Maqii kan ta’e Fireezer Abarraa kan jedhamuu fi bulchaa ganda 01 obbo  Dambal Jimaa kan jedhamuudha.

Jarreen Kunis sodaa Waraanni Bilisummaa Oromoo dhufuu danda’a jedhuun basaastota maqaan isaanii Asaammaree Faantahuun, Kaasiyyee Jimaa, Guddataa Jangoo, Turii Fayisaa Shaanqoo kan jedhaman akka isaan WBO fi PP gidduu deemanii odeessa kennaniif qarshii 50,000 kennuufiin bobbaasanii jiraachuu maddeen dabaluun gabaasaniiru.

Exit mobile version