Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti PP’n uummata walga’ii baasuun doorsisuu fi akeekkachiisuun beekame

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Murni impaayera Itiyoophiyaa utubee jiru bilxiginnaan uummata harka duwwaatti roorrisuu malee karoora    nagaa fiduu tokkollee kan hin qabne yeroo ammaa ifaan ifatti waan nuti godhaa jenne qofa raawwadhaa jechuun uummata miidhaa jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 31, 2024 Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti loltoonni fi kaabinoonni daandii gandoota Qal’inaa fi Waldaa-Maqdalaa jedhaman geessu gubbaa dhaabbachuun namoota nagaa hojii isaaniitiif deeman waltajjii nuuf hin baatan taanaan hojii keessan hin deemtan jechuun hawaasa nagaa karaatti qabanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.

Itti dabaluunis namoota kanneeniin yeroo ammaa irraa kaasee waan isiniin jennuuf sekondii tokkoof duubatti harkifattanii jennaan qawween keenya bishaan hin baasu, hawaasa fuulduratti dhiiga keessan lolaafna jechuun doorsisaa fi shororkeessaa turuu dubbatu.

Hawaasni walga’ii sana ba’e yaada kennachuuf harka baasanis yaada isaanii irraa fuudhuu diduun kallattumaan waan ofii isaanii murteeffatan qofa itti dabarsuun deeman.

Aanicha keessatti gochoota kana har’aa ifa baasanii haa dubbatan malee uummanni aanichaa hidhaa jumlaa, saamicha qabeenyaa midhaanii fi loon dabalatee, manni irratti gubachuu fi ajjeechaan guyyaa guyyaan irratti adeemaa akka turee fi jiru gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

Exit mobile version