Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa nyaata summaa’aa facaasee akkaataa ittiin WBO irraan miidhaa ga’u maree geggeessaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024 “Oromiyaa keessatti waggoota dhiyoo kanatti namoonni godinaalee hundaa keessa jiran deggertoota ‘WBO’ti’ jedhamuun yakkamanii akka hidhaman ni beekama.

Wiirtuu leenjii sirnichaa kan ta’e Sanqallee keessatti murni PP namoota nagaa qabuun waraana bilisummaa Oromoo qabannee fi kanneen harka kennatan jedhees yeroodhaa yerootti namoota nagaa hirmaannaa siyaasaa kamirraa bilisa ta’anis leenjisee diraamaa ittiin hojjechaa turuu fi har’as itti jiru.

Tooftaa fi tarsiimoo hedduu baasee waraana bilisummaa Oromoo WBO dadhabsiisuu dadhabuu irraan kan ka’es mooraan sirnichaa jeequmsa guddaa keessa seenee akka jiru maddeen itti siqeenyaan beekanis ni dubbatu.

Murni bilxiginnaa kunis yeroo ammaa tarsimoo hanga har’aatti baasee jiru isaaf furmaata waaraa fiduufii dhabuu irraan kan ka’e tooftaalee biroo qabatee waraana bilisummaa Oromoo akkaataa ittiin balleessinu yaada jedhu qabatee maree guddaa Oromiyaa bakkeewwan hundaatti adeemsisaa akka jirus dubbatu

Adeemsi kiyyoo hamaa kanaa inni jalqabaa bakkeewwan WBO’n keessa socho’u hundaatti nyaata waraanni sirnichaa itti fayyadamu summiin faaluun yeroo WBO’n isaan irratti haleellaa taasisu nyaata summa’aa sanas dhiisanii akka deeman irratti mari’aachaa akka jiranis maddeen Arraataa Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version