ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024 Lukkeeleen bilxiginnaa uummata nagaa ajjeesuuf, saamuu fi dararuuf waan qabdu guurrattee bobbaatus, uummatasaa fi biyyasaatti weerartuun akka roorristuu fi garmaamtu kan hin heyyamne gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ergamtoota impaayeerattii adaba itti tolchuun konkoolaattota akka paatiroolii harkaa barbadeessee hojiin ala gochuun baarragsee waan qabdu harcaasisee kisaaraa keessa galchuun kaan madoon yoo adabu kaanis du’aa gaggeessee xaa’oo biyya abbaasaa godhee jira.
Haaluma kanaan har’a Waxabajjii 6, 2024 irree fi gaachanni uummata Oromoo dadhabbii fi nuffii kamiifuu harka kan hin kennine gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu-Galeessaa godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Dhiisee Eelaa jedhamu keessaatti lukkeelee diinaa saamichaa fi uummata nagaa gidirsuuf konkolaataa 3n bobbaate irratti tarkaanfii fudhateen balaa akka bakakkaa itti buusun paatiroolii 1 daaressee ergamtoota PP achirra turte 8 biyyeetti yoo dabalu 5 ammoo madoon adabee jira.
Dabalataanis godinuma kana aanaa Abunaa Gindibarat ganda Gaagoo Osolee jedhamtu keessaatti eegdota tolfattee fedhii isaa maalee otuu uummata humnaan waltajjii baasaa jirtuu uummatni dararama uummataa taa’ee ilaaluu kan hin dandeenye qaqqaaliiwwaan abdii sabaa itti marsuun wareersee ummata harkaa baasuun ari’ee of duuba deebisee magaalaatti galchuun injifannoo boonsaa galmeessera.
Injifannoon kan uummata Oromooti❗️

