Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanota adda addaatti gootichi waraana bilisummaa Oromoo diina du’aa fi madoon adabuu itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024

Lukkeeleen bilxiginnaa uummata nagaa ajjeesuu, saamuu fi dararuuf waan qabdu guurrattee bobbaatus, uummata isaa fi biyya isaatti weerartuun akka roorristuu fi garmaamtu kan hin heyyamne gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ergamtoota impaayerattii adaba itti tolchuun konkolaattota akka paatiroolii harkaa barbadeessee hojiin ala gochuun baaraagsee waan qabdu harcaasisee kisaaraa keessa galchuun kaan madoon yoo adabu kaanis du’aa gaggeessee xaa’oo biyya abbaasaa godhee jira.

Haaluma kanaan kaleessa Waxabajjii 6, 2024 irree fi gaachanni uummata Oromoo dadhabbii fi nuffii kamiifuu harka kan hin kennine gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu-Galeessaa godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Dhiisee Eelaa jedhamu keessatti lukkeelee diinaa saamichaa fi uummata nagaa gidirsuuf konkolaataa 3’n bobbaate irratti tarkaanfii fudhateen balaa akka bakakkaa itti buusuun paatiroolii 1 daaressee ergamtoota PP achirra turte 8 biyyeetti yoo dabalu 5 ammoo madoon adabee jira.

Dabalataanis godinuma kana aanaa Abunaa Gindabarat ganda Gaagoo Osolee jedhamtu keessatti eegdota tolfattee fedhii isaa maalee osoo uummata humnaan waltajjii baasaa jirtuu, dararama uummataa taa’ee ilaaluu kan hin dandeenye qaqqaaliiwwan abdii sabaa itti marsuun wareersee uummata harkaa baasuun ari’ee of duuba deebisee magaalaatti galchuun injifannoo boonsaa galmeesseera.

Exit mobile version