ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024
Sirna bilxiginnaa biratti namoonni jajjaboon hawaasa isaanii keessatti fudhatama qabanii fi hawaasni jala hiriiruu danda’an kanneen uummata isaanii keessatti jaalatamummaa qaban akkasumas rakkoo hawaasa isaanii furuu danda’an namoota wal lolan walitti araarsuu dabalatee hawaasa tajaajilan hawaasa keessa filee ajjeesuu irratti xiyyeefatee koree ajjeechaa hundeeffataniin raawwatamaa jira.
Sirni beekaaf hin tollee fi safuu hawaasaa hin eegne Kun Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Siifaa Battee iddoo addaa Kokorii jedhamutti maanguddoo tokkoof dardara tokko ajjeesuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himan.
Namoonni ajjeefaman kunneenis; Guddataa Naga’oo fi Warquu Abbaa Yeshii kan jedhamu maanguddoo ganna 65 yoo ta’an namoonni kunneenis maqaa siyaasa isaan keessaa qooda hin qabneen Caamsaa 30, 2024 ajjeefamuun isaanii beekame.
Maanguddoonni ajjeefaman kunneen namoota nagaa kanneen rakkoo hawaasaa furuu danda’anii fi hawaasa isaanii keessatti fudhatama qaban ta’uu dubbachuun sirnichi namoota qaroo hawaasa keessaa dhabamsiisuun isaa kaayyoo isaa akka ta’es ajjeechaawwan gandicha keessatti raawwatamu hunduu namootuma jajjaboo akka ta’anis ibsan.

