ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024
Gaagaa’amni ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemuun namoonni nagaan gochaa isaanii malee achi buutee dhabamsiifamaa fi ajjeechaa suukkanneessaan loltoota sirnichaan irratti raawwatamaa jira.
Waxabajjii 9, 2024 Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Siifaa Battee iddoo addaa Kokorii jedhamutti loltoonni sirnichaa maqaa sakkatta’a WBO jedhuun hedduuminaan gandichatti bobbaafamuu jiraataan ONM dubbise tokko hime.
Loltoonni kunneenis akkuma gandicha seenuuf ga’anitti callisanii lafuma duwwaatti gandi kun WBO jedha jechuun dhukaasa eegalanis jechuun waan yeroos ture ibse.
Uummatni gandicha keessa naannoo Kokorii jiraatan kun guutummatti dhukaasni dhukaafamaa gara ganda isaaniitti deemamaa waan tureef qe’ee isaanii gadhiisuun gara bosonaatti akka baqatanis ibsan.
Namoonni maqaan isaanii Jaamboo Garisoo, Jamaal Fajjisoo, Ilma Araba Tassiyyoo, shamarree Haliimaa Tololee fi Naffisaa Majiidoo daa’ima ishee waliin hanga ammaatti achi buuteen isaanii dhabamuus dubbatu.
Maanguddoo maqaan isaa Bonjee Faqoo jedhamu kan umuriin isaa 84 ta’e baqannaa guyyichaa keessa hawaasa harkaa baduun waraabeessi nyaatee uffanni isaa guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 12, 2024 maallaqni inni sangaa gurguratee baatee ture qarshiin 26,000 waliin argamuun uummanni gadda taa’uus dabaluun ibseera.
Akka jiraataan kun jedhetti osoo uummanni hin baqatu ta’ee WBO ajjeefne jechuun uummaticha bakka tokkotti fixuuf turan jechuun waan karoora bilxiginnaa guyyaa sana ture miira aariin ibseera.

