ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024
Mooraan murna bilxiginnaa dabaa fi dirqiin dhiiga lammiilee Oromoon ijaarame yeroo ammaa duula maqaa Bobbaa Irbuu Shinnigaatii ABO-WBO’n labsamee mooraa sirnichaa irratti tarkaanfii fudhatameen gariin waraanichaa rifaatuu hamaa keessa seenuu fi fedhii sirnichi qabu hubachuun meeshaa fi hidhannoo isaanii waliin gara WBO’tti harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaan Waxabajjii 8, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Cobii mooraa waraana bilxiginnaa ganda Diggoo jedhamu keessaa loltoonni murna bilxiginnaa sadeet (8) AKM 8, rasaasa 1776, boombii, 11 fi hidhannoo isaanii guutuu waliin WBO bira gahanii jiraachuu maddeen WBO gamasii ONM’f himan.
Loltoonni kunneen osoo beekaniis ta’e hin beekin ajaja olii itti kennameen uummata isaanii miidhuu isaaniif dhiifama gaafachuun, akkasumas mooraa isaanii keessa illee tokkummaan akka hin jirree fi wal qoodiinsi sanyii hedduummaatee akka jiru ibsan.
Dhuma irrattis karaa WBO simannaa hoo’aan akka taasifameef himuun, WBO’n akka isaan jedhan sana osoo hin taane waraana naamusa qabuu fi saba isaaf dhabbate jechuun Ilmaan Oromoo mooraa dabaa keessa taa’uun sirnicha utubuuf jecha uummata Oromoo irratti miidhaa geessistan hojii badii kana irraa deebi’uun gara qabsoo haqaa WBO’n geggeeffamaa jiruutti dabalamaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

