Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni waraana Abiy Ahimed 12 ajajaa 100 ajjeesuunii fi meeshaalee waraanaa qabachuun Lixa Shaggar irraa WBO Zoonii Giddu Galeessaatti makaman

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024

Mooraa waraana bilxiginnaa akkaataa itti taayitaa Abiy Ahimed tiksanii fi paartii bilxiginnaa jiraachuu danda’anitti leenji’uun kaayyoo sana galmaan ga’uuf uummata dararaa jiran, gochi kun sirrii akka hin taane hubachuun sirna abaaramaa kana gananii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennataa jiru.

Akka kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee magaalaa Minaaree keessaa Waxabajjii 8, 2024 miseensi waraana bilxiginnaa 1 ajajaa 100 tokko ajjeesee meeshaa fi hidhannoo guutuun WBO zoonii giddu galeessaatti harka kennatee jira. 

Waxabajjii 8, 2024 raayyaan ittisa impaayerattii 1 Lixuma Shaggar aanaa Cobii magaalaa  Cobii keessatti milishoota 2 ajjeesee 3 madeessuun tokko irraa hidhannoo guutuu hiikkatee qawwee AKM 2 fi hidhannoo 2 waliin WBO’tti makameera.

Guyyuma sana magaalaa Cobii keessaa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 10 qawwee fi hidhannoo 11 waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamuun mooraa waraana Abiy Ahimeditti naasuu guddaa galchanii jiru.

Mooraan waraana bilxiginnaa haleellaa WBO’n Zoonii Giddu Galeessaa irratti raawwachaa jiruu fi badii sirnichaa hubachuun  gara qabsoo saba isaanii WBO’n geggeeffamaa jiruutti makamuu itti fufanii jiru.

Exit mobile version