Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni Raayyaa Ittisa impaayera Itiyoophiyaa 2 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa irraa gooticha WBO Zoonii Giddu Galeessaatti harka kennatan

ONM-ABO Sadaasa 16, 2024 

Miseensonni waraana Bilxiginnaa quuqamaa fi aantummaa saba isaanii qaban waamicha ajajaa olaanaan jaarmiyaa ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa yeroo adda addaatti isaaniif taasisaa jiran kabajuun goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa gara guyyaatti karaa nagaa obboleeyyan isaanii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Sadaasa 14, 2024 aanaa Ada’aa Bargaa mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Dheebisaatti argamu irraa miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii 2 kanneen sabaan Oromoo ta’an qawwee AKM dachaatuu 2 hidhannoo guutuu waliin qabachuun WBO Birgeedii Tufaa Munaatti harka kennatanii jiraachuun ibsameera.

Miseensonni waraana Bilxiginnaa kunneen simannaa WBO’n isaaniif taasisetti gammaduun, hiriyoota isaanii mooraa diinaatti hafaniin WBO’n obboleeyyan keenya,  loltuu haqaati dafaa yeroon harka itti kennadhaa jechuun dhaamsa isaanii dhaamaniifii jiru.

Exit mobile version