ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024
Murni bilxiginnaa waraana Itoophiyaaf ga’aa Afrikaaf sodaachisaa ijaarre, Ameerikaanis, Awurooppanis, Afrikaanis Mootummootni Gamtoomanis jabina waraana keenyaa ni beeku, asii koottaa achii kottaa nuun jedhu, waamichatu nutti baay’ate jechuun miidiyaa bilxiginnaan hololu, impaayerattii keessatti ammoo lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin geggeessaniin du’aa fi madoon adabamaa qawwee irraa hiikee harkaanis qabamaa jira.
Waraanni bilxiginnaa lola isaan hin ilaallannee fi barcuma Abiy Ahimed tiksuuf geggeffamaa jiru miidhaa lubbuu fi qaama isaanii irraan ga’uu malee faayidaa akka hin qabneef hubatan mooricha dhiisanii WBO’tti makamaa jiru.
Lola Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Bobbaa Irbuu Shinniggaan bifa haaraan geggeessaa jiruun dirree lolaa zooniilee waraanaa cufatti waraanni faashistii PP booji’amaa jiru.
Waxabajjii 22, 2024 godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu adda waraanaa tokko qofa irratti loltootni bilxiginnaa dhiiraa fi shamarran keessatti argaman 17 booji’amanii jiru.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo magaalaa Dorgommee keessatti Waxabajjii 23, 2024 tarkaanfii WBO’n waraana faashistii PP irratti fudhateen loltoota 3 yoo booji’u, dheengadda Waxabajjii 25, 2024 Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa keessatti lola geggeesseen miseensa raayyaa ittisa impaayerattii 1 booji’eera.
Loltootni kun rakkoo, dirqii fi goyomsaan leenjii fudhatanii kan bobbaafaman ta’uu ibsuun, keessaayyuu hoji-dhabdummaa hammateen dargaggoo fi dargaggeettiin dinagdeen argatanii ofii fi maatii isaanii jiraachisuuf waraana ta’uu akka carraa hojiitti itti fayyadamaa akka jiran kaasu.
Kunis rakkoo impaayerattii keessatti Abiy Ahimed carraa hojii biraa cufuun taayitaa isaa eegsifachuuf loltolummaa qofa banaa godherraa madduu hayyootni ogummaa dinagdeen sochii impaayerattii hordofan ni ibsu.
Loltoota bilxiginnaa lola keessatti booji’aman malee kanneen WBO’tti harka kennatanis baay’achaa jiru.
Akka kanaanis aanaa Cobii keessatti loltootni 7 qawwee fi hidhannoon godina Lixa Shaggar aanaa Cobii mooraa Gabaa Sanbataa fi Diggoo irraa WBO’tti harka kennataniiru.
Kaleessa Waxabajjii 26, 2024 achuma godina Lixa Shaggar aanaa Amboo keessaa loltootni bilxiginnaa 2 qawwee fi hidhannoo waliin Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.
Qondaalli waraanaa Abiy Ahimed booji’amaa fi ergamaa TPLF kan ture Biraanuu Juulaa Waraanni Bilisummaa Oromoo humna lolu hin qabu, balleessineerra, biyyaa ba’aniiru, harka kennachaa jiruu fi funaanaa jirra jechuun sobaan hololus WBO’n akeekaa fi kaayyoo mataa isaan lolu, tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhachuun yeroo ajjeesu, madeessu, booji’u, irraa hiiku, mooraa isaanii barbadeessuu fi qondaala isaanii dhabamsiisu agarsiisaa jiraachuun ni beekama.

