Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti manneen gubuu fi saamichi jiraattota irratti taasifamuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024

Yeroo itti Oromoo ta’anii dhalachuu qofaaf ‘WBO’tu’ mana kee bira socho’a, ni nyaachistaa fi ilmaan keetu miseensa isaaniiti jechuun waraanni Abiy Ahimed uummatatti bobbaasaa jiru gara laafina tokko malee namoota ajjeesuu, saamuu fi mana irratti gubaa jiru kanatti maatii hedduun rakkoof saaxilamaa akka jiran jiraataan nuti aanaa Tolee irraa dubbisne tokko  rakkoo isarra ga’e irraa ka’uun  ONM’tti himeera.

Obbo Badhaasaa Diriirsaa jiraataa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Biliidaati. Rakkoo isaan mudates akka nuuf himanitti Waxabajji 2, 2024 waraanni gabroomfataan PP aanaa Tolee irraa barii lafaa dukkana da’oo godhachuun na ajjeesuuf dhufan, yeroon manaa dheessee harkaa ba’us haadha warraa kiyyaa fi daa’imman kiyya sadii mana keessaa gadi baasuun mana kiyya qabeenyaa guutuu waliin ibidda itti shiduun guban jechuun dubbatu.

Qabeenyi isaanii guyyaa sana gubates: teessuma mukaa fi pilaastikaa 10, siree kan irra bulan 2, uffannaa halkanii, uffannaa maatii guutuu, midhaan nyaataa xaafii ardaba 10, qamadii ardaba 12,  shumburaa ardaba 6,  baaqelaa ardaba 2 gubuun yoo barbadeessan, qarshii 66,000’s jalaa fudhachuu himan.

Erga saamanii boodas ollaan manni gubatu arguun yeroo birmatanitti reebicha irratti taasisuun akka deebisan itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version