ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024
Filannoo biyyoolessaa Adoolessa 4 geggeeffamu irratti paartiin Hojjetaa UK sagalee caalmaa guddaan ni injifata jedhamee kan eegamu yoo ta’u, hoogganaan paartichaa Keir Starmer dhukaasa dhaabuu haalduree tokko malee Gaazaa keessatti kaa’ame deggaruu diduun isaanii deggartoota Musliimaa dallansiiseera.
Muslimoota UK shan keessaa afur bara 2019’tti Paartii Hojjetaa UK tiif sagalee kan kennan yoo ta’u, kunis walitti dhufeenya cimaa dhaabichaa fi hawaasa Musliimaa gidduutti kan bara 1950 fi 1960 keessa hojjettoonni jumlaan Paakistaan irraa gara Biriteenitti godaanan booda uumame cimseera.
Garuu qorannoon dhiheenya kana geggeeffame akka agarsiisutti, filattoota shan keessaa tokko paartii Laabor ykn Paartii Hojjetaa irraa ba’uuf jiru.
Magaalota tokko tokko guutuu Kaaba Ingilaanditti, masjiidonni, ‘Paartiilee gurguddoo lamaan keessaa tokkollee hin filatinaa’ jechaa jiru,” jechuun kaadhimamaan paartii Laaboor Joon Grogan waajjira isaanii magaalaa Keighley Yorkshire keessatti argamutti dhaabbata oduu AFP’tti himaniiru.
Hawaasa Musliimaa Keighley’s keessatti nama adda duree kan ta’an abukaatoon Shaid Iqbal namoonni “baay’ee baay’ee aaraniiru” jedhan.
“Qaama lamaanitti aaraniiru. Garuu dhugaan jiru, paartii Labour caalaatti aaraniiru. Sababiin isaas Labour dhaaba mirga namoomaaf cichee, gocha hammeenyaa irratti dubbatu jedhanii waan yaadaniif,” jechuun AFP’tti himaniiru.

