Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Xuulloo magaalaa Hirnaa keessatti maqaa WBO’n saamichi fi hidhaan raawwachuu jiraattotni himan

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024

Uummata nagaa dhoowwachaa kan jiran kaabinoonni fi loltootni sirnichaa yeroo ammaa akkuma guutuu Oromiyaatti waan namni hin qabne itti maxxansuun lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo naannawaa sana hin jirretti sobanii tooftaa baafachuun saamicha raawwachaa akka jiran jiraattotni himan.

Torban darbe irraa kaasuun Lixa Harargee aanaa Xuulloo magaalaa Hirnaa keessatti WBO’n magaalaa kana galee jira, kanaaf sakkattaa geggeessuu qabna jechuun manneen namootaa seenanii saamicha raawwachuu jiraattotni ONM’tti ibsan.

Akka jiraattotni tokko tokko jedhanitti yeroo sanatti Waraanni Bilisummaa Oromoo naannawaa sana akka hin jirree fi tooftaa ittiin saamicha raawwachuuf baafataniidhas jedhan.

Namoota hedduu jalaa manneen isaanii keessaa maallaqaa fi bilbila harkaa saamaa turuu fi namoota gariin ammoo doorsiisaa turuu dabaluun ibsaniiru.

Akkasumas namoota iddoo biraatii dhufanii magaalicha keessatti hojiiwwan adda addaa hojjetan, waggaa darbe isin biyya kana hin turre, barana maal gochuu dhuftan? ergama WBO fudhattanii as keessa taa’aa jirtu jechuun nama fuula haaraa argan cufa mana hidhaatti guuranii dararaa akka jiran illee dabaluun jiraattotni kunneen ibsan.

Itti dabaluun sodaa WBO irraan kan ka’e namuu iddoo biraatii dhaqee magaalicha keessatti akka hin daldallanne godhanii akka jiranii fi namuu sodaa lubbuu isaaf jecha magaalicha akka dhaqaa hin jirres ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version