Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee aanaa Xuulloo magaalaa Hirnaa keessatti maqaa WBO deggertun namoota hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattotni dubbatu

ONM-ABO Amajjii 6, 2024

Siyaasa impaayerattii keessatti adeemaa jiruuf namoota nagaa ajjeesuu fi hidhuu akkasuma saamuun akka waan furmaata ta’uutti fudhatanii kaabinoonni fi waraanni sirnichi hawaasa nagaatti bobbaase guyyuu gochoota jibbisiisoo hawaasa nagaa irratti raawwachaa oolu.

Haaluma lixa Harargee aanaa Xuulloo magaalaa Hirnaa keessatti maqaa waraana bilisummmaa Oromoo jedhuun namoota mana hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen magaalichaa himuun, addee Muuniiraa Ammee dubartii qaama miidhamtuu fi Ashaa Wandimmuu kan jedhaman WBOf nyaata geessitan jechuun gaafa Amajjii 3, 2024 qabanii hidhuu dubbatu.

Aaddee Ashaa Wandimmuu dubartii waggaa shantamaa yoo taatu gocha kana keessaa harka kan hin qabne ta’uu fi ijuma shakkiin namoota dararaa jirus jedhan.

Exit mobile version