ONM-ABO Amajjii 12, 2024
Impaayera Itoophiyaa humni waraanaa butuche murni bilxiginnaa ammoo deebisanii ijaaruuf jecha namoota nagaa ajjeechaa jumlaa dabalatee hidhaatti guuruun dararaa yoo jiraatu, namootni hedduunnis balleessaa isaanii malee qabamanii gidiraa hamtuu mana hidhichaa keessatti irratti raawwatamuun hiraarfamaa jiru.
Hidhaan kan irraa dhaabbatee hin beekne jiraattota lixa Harargee aanaa Xuulloo magaalaa Hirnaa dabalatee guyyaa guyyaan kaabinoota fi hidhattoota sirnichaan kan irratti geggeefamaa jiru yoo ta’u gaafa Amajjii 3, 2024 irraa eegalee namoonni nagaan maqaa ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo qabduun mana hidhaatti guurama jiru.
Namoonni hedduun magaalaa Hirnaa keessaa qabamanii dararaa argaa kan jiran yoo ta’u isaan keessaa kan maqaa arganne Saadaa Abdallaa, Caaltuu Mahammad,Muniraa Aammee, Ashaa Wandimuu fi Alwaan Shaash kanneen jedhaman hidhamanii hanga har’aatti osoo mana hidhaa irraa hin baafamnin akkasuma mana murtiitti hin dhihaatin waajjira poolisii magaalichaa keessatti gidirfamaa jirus jedhan.

