ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024
Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waggoota 24 booda daawwannaa jalqabaa biyyattiif taasisaniin Roobii har’aa magaalaa guddoo Kooriyaa Kaabaa Piyoongiyaang keessatti bu’uun isaanii beekameera.
Pirezidaantiin Raashiyaa kun hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uuniin kan affeeraman yoo ta’u, isaanis “buufata xiyyaaraa Piyoongiyaangitti dhuunfaan Vilaadmiir Puutiin waliin wal argan” jechuun Kremlin ibsa kenneen beeksiseera.
Gargaaraan Puutiin Yurii Ushaakov gaazexeessitootatti akka himanitti daawwannaan kun guyyoota lama kan fudhatu yoo tau, Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa marii kana booda sanadoota hedduu mallatteessuuf kan karoorfatan ta’uu fi, ibsi waloo Puutiin fi Kiim irraas ni eegama jedheera. Sirna simannaa booda mariin Roobii har’aa mana jireenyaa Kiim keessatti ni raawwatama jedheera.
Siidaa loltoota Waraana Diimaa yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa Kooriyaa keessatti humnoota Jaappaan otoo lolanii dhumaniif qophaa’e daawwachuu dabalatee, konsartii waliinis taateewwan sirnaa gaggeeffamu irratti ni argamu.
Puutiin fi Kiim haasaa hooggantoonni lamaan wal jijjiiraniin simannaa sirnaa mootummaa erga taasisaniin booda waliin gara buufata xiyyaaraatti deebi’uuf jiru.
Yeroo dhumaaf Puutiin Kooriyaa Kaabaa kan daawwatan bara 2000 yoo ta’u, yeroo biyyattiin hoggansa Kiim Joong Il, abbaa hogganaa ammaa Kiim Joong Un jala turte ta’uu miidiyaaleen gabaasaniiru.

