ONM-ABO Caamsaa 1, 2025
Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa Roobii kaleessaa riqicha daandii biyyoota lamaan gidduutti ijaaramuu jalqaban. Ijaarsi kunis laga Tumen gidduutti yoo ta’u, qaama tattaaffii tumsa tarsiimoo isaanii cimsuuf godhame keessaa tokko ta’uu himaniiru.
Riqichi kun naannoo “Riqicha Michummaa” amma jiru ka riqicha baaburaa bara 1959 waraana Kooriyaa booda ajajame cinatti ta’a.
Sirna ijaarsa riqicha haaraa kanaaf qophaa’e irratti, muummichi ministeeraa Raashiyaa Mikaayil Mishustin hariiroo Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa keessatti taatee guddaa ta’uu dubbatan jechuun dhaabbati oduu mootummaa TASS gabaaseera.
Riqichi daandii haaraan waggootaaf marii irra ture kun meetira 850 yoo ta’u, sirna daandii guddaa Raashiyaa waliin kan walqabatudha. Ijaarsi isaa bara 2024tti prezidaant Vilaadmiir Puutiin Kooriyaa Kaabaa daawwannaa taasisaniin waliigaltee irra ga’ameera jechuun Rooyiters gabaaseera.

