Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Riqicha Kooriyaa Kibbaa keessatti cabeen namootni 2 yoo du’an 5 miidhaman

ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025 

Kibxata har’aa Kooriyaa Kibbaatti riqichi tokko erga kufee booda namoonni lama du’anii shan madaa’uu isaanii qondaaltonni himaniiru.

Miidiyaaleen biyya keessaa viidiyoo kutaan riqicha kanaa kufee mul’atu fi duumessi aaraa guddaan qilleensa keessatti ol ka’e agarsiisan.

Balaa kanaanis namoonni lama du’uu, afur miidhaan cimaan yoo irra ga’u, tokko ammoo miidhaan xiqqaan irra ga’eera jedha ibsi dhaabbata balaa ibiddaa biyyaalessaa irraa bahe akka mul’isutti

Aangawoonni ammallee namoota sadii caccabaa jalatti awwaalaman barbaadaa akka jiran dabalaniiru.

Qondaalli Ministeera Biyya Keessaa tokko akka AFP’tti himanitti, namoonni miidhaman gara hospitaalotaatti geejjibamaniiru.

Itti aanaan pirezidaantii Choyi Sang-Mok qabeenyaa fi hojjettoota jiran hunda hojii baraarsaa kanaaf akka sochoosan qajeelfama ariifachiisaa baasuun isaanii ni barameera.

Akka ragaan Ministeera Hojjetaa Seoul irraa argameetti, bara 2020 hanga 2023’tti biyyattii keessatti duuti hojiin walqabatee 8,000 ol galmaa’eera jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version