Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Balaa doonii Riqicha Birookiliniin namootni lama du’uu Kantiibaan Magaalaa New York ibse

ONM-ABO Caamsaa 18, 2025 

Dooniin leenjii humna galaanaa Meksikoo riqicha Biruukiliin rukuchuun balaa kanaan namoonni lama du’uu fi kanneen biroo 17 ammoo miidhamuu isaanii kantiibaan magaalaa Niiwu Yoorki Erik Adams Dilbata har’a ibsaniiru.

“Jalqaba halkan har’aa, dooniin humna galaanaa Meeksikoo Kuwaatemoc humna dhabee riqicha Biruukiliinitti kufe,” jechuun Adams X irratti maxxanseera.

“Yeroo kanatti, namoota 277 doonii keessa jiran keessaa 19 miidhaan irra  yoo ga’u, isaan keessaa 2 haala yaaddessaa keessa jiru 2 ammoo miidhaan isaan irra qaqqabeen haala nama gaddisiisuun du’aniiru.”

Miidhaamtoonni gara hospitaalota naannoo sanaatti geeffamuu isaanii New York Post gabaaseera.

“Ministeerri Humni Galaanaa nageenya hojjettoota isaaf, hojii isaa irratti iftoomina fi leenjii qondaala humna galaanaa Meksikoo gara fuula duraa irratti iftoominaa fi kutannoo qabu irra deebi’ee mirkaneessa,” jedhee ibsuu AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version