ONM-ABO Caamsaa 18, 2025
Dooniin leenjii humna galaanaa Meksikoo riqicha Biruukiliin rukuchuun balaa kanaan namoonni lama du’uu fi kanneen biroo 17 ammoo miidhamuu isaanii kantiibaan magaalaa Niiwu Yoorki Erik Adams Dilbata har’a ibsaniiru.
“Jalqaba halkan har’aa, dooniin humna galaanaa Meeksikoo Kuwaatemoc humna dhabee riqicha Biruukiliinitti kufe,” jechuun Adams X irratti maxxanseera.
“Yeroo kanatti, namoota 277 doonii keessa jiran keessaa 19 miidhaan irra yoo ga’u, isaan keessaa 2 haala yaaddessaa keessa jiru 2 ammoo miidhaan isaan irra qaqqabeen haala nama gaddisiisuun du’aniiru.”
Miidhaamtoonni gara hospitaalota naannoo sanaatti geeffamuu isaanii New York Post gabaaseera.
“Ministeerri Humni Galaanaa nageenya hojjettoota isaaf, hojii isaa irratti iftoomina fi leenjii qondaala humna galaanaa Meksikoo gara fuula duraa irratti iftoominaa fi kutannoo qabu irra deebi’ee mirkaneessa,” jedhee ibsuu AFP’n gabaaseera.

