ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024
Mooraan dabaa fi dhiiga ilmaan Oromoon ijaarame yeroo ammaa wal qoodiinsa sanyummaa isaan jidduutti uumameen wal irraa ajjeesuu itti fufanii jiru.
Loltoonni uummata Oromoo akka cunqursaniif leenji’anii bobba’an fedhii fi Kaayyoo tokko malee dirqii fi maallaqaan walitti qabamuun teessoo namtokkee tiksan walii isaanii fi uummata nagaatti gufuu ta’uun, gocha badii lammilee nagaa irratti raawwachaa oolan malee wal dhabdee keessoo isaaniin jaalalli gidduu isaanii waan hin jirreef walitti deebi’uun walitti dhukaasanii guyyuu walirraa ajjeesaa jiru.
Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo keessatti Waxabajji 19, 2024 ganamaan waraanni goolessaan impaayerattii walitti dhukaasuun nama lama battalatti yoo wal irraa ajjeesan loltootni 7 ammoo madaa’uun, hospitaala Najjootti yaalaamaa akka jiran maddeen keessoo isaanii ONM’f himeera.
Keessoon waraana murna bilxiginnaa diigamaa kan jiru lola gootichi WBO bakkoota hundaatti raawwachaa jiruun naasuu keessa galuun sodaa qabanirraa nagaa wal dhorkachaa jiraachuun gariin gara WBO’tti baqachaa jiru.
Akka odeessi keessoo isaanitii ba’e ibsutti ajajaa waraanichaa dabalatee namoonni hedduun madaa’uun du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman yoo ta’u, wal dhabdee keessoo isaaniitti dhalate dubbii isaa dhoksuuf yaalanis, yeroo hedduu wal qoodinsa sanyummaan wal ajjeesaa jiraachuu fi hawaasni halkan halkan dhukaasa isaaniin shororkaa hamaa keessa akka bulanis ibsaniiru.

