ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024
Warri nagaa maqaatti malee hojiin raawwatanii hin beekne bilxiginnaan, maqaa nageenya eegsisnaan nagaa hawaasaa booressuun lubbuu uummata nagaa obbaasaa oolaniin teessuma nama tokkoo tiksuuf jireenya uummataaf yaaddoo guddaa ta’aa jiru.
Akkuma kanaan Waxabajji 19, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Buukee Toobbaraa iddoo addaa Baabboo Lakkuu jedhamutti nama maqaan isaa obbo Yaadataa Taaffasaa Gammadaa jedhamu qe’ee isaatti itti dhaqanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii kan deeman yoo ta’u, namni kun badii raawwatee osoo hin taane Oromummaan yakkuun kan ajjeesan ta’uu jiraattonni dubbatu.
Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota naannichaa tokko tokko dubbise jedhanitti, Obbo Yaadataan kanaan dura miliishaa nuuf taata jechuun dirqiin qabanii osoo deemaa jiranii harkaa miliquun gara qe’ee isaatti deebi’ee maatii isaa jireeffachuurratti kan argamu ta’us, badii osoo hin qabaanne milishaa keenya ta’uu didde jechuun ijoollee isaarraa ajjeesuu jiraattonni miira gaddaan dubbatu.

