• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti waraanni sirnichaa abbaa ijoollee afurii tokko ajjeesan

Jun 21, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024

Warri nagaa maqaatti malee hojiin raawwatanii hin beekne bilxiginnaan, maqaa nageenya eegsisnaan nagaa hawaasaa booressuun lubbuu uummata nagaa obbaasaa oolaniin teessuma nama tokkoo tiksuuf jireenya uummataaf yaaddoo guddaa ta’aa jiru.

Akkuma kanaan Waxabajji 19, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Buukee Toobbaraa iddoo addaa Baabboo Lakkuu jedhamutti nama maqaan isaa obbo Yaadataa Taaffasaa Gammadaa jedhamu qe’ee isaatti itti dhaqanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii kan deeman yoo ta’u, namni kun badii raawwatee osoo hin taane Oromummaan yakkuun kan ajjeesan ta’uu jiraattonni dubbatu.

Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota naannichaa tokko tokko dubbise jedhanitti, Obbo Yaadataan kanaan dura miliishaa nuuf taata jechuun dirqiin qabanii osoo deemaa jiranii harkaa miliquun gara qe’ee isaatti deebi’ee maatii isaa jireeffachuurratti kan argamu ta’us, badii osoo hin qabaanne milishaa keenya ta’uu didde jechuun ijoollee isaarraa ajjeesuu jiraattonni miira gaddaan dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading