Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallagga Aanaa Lataa-Sibuu keessatti waraanni faashistii PP nama nagaa tokko mormaa gadi awwaaluun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesan

ONM-ABO Onkoloolessa 2, 2024 

Naasuu namummaa tokkollee kan hin qabnee fi safuu hawaasaa kan hin kabajne murni gara jabeessi bilxiginnaa, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun, duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru kan durii caalaa daran jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan, Fulbaana 30, 2024 waraanni goolessituun impaayerattii godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa-Sibuu magaalaa Warra Jirruu ganda 02 naannoo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Warra Jirruutti, nama nagaa maqaan isaa ‘Obbo Yohaannis Taaffasee’ jedhamu mormaa gad awwaaluun, akka nama leenjii waraanummaa irra jiruutti, qiyyaafannoo itti shaakalanii haala suukkanneessaa ta’een, mataa isaatti rasaasa roobsuun ajjeesanii jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni naannichaa jedhanitti, namni kun siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa biratti jaallatamummaa guddaa kan qabu ta’uu ibsuun, waraanni koloneel Abiy Ahimed maqaa sakattaa WBO jedhuun, Oromiyaa guutuutti bobbaafaman kunneen, sababa sobaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhu itti maxxansuun, gocha armaan dura gooticha Oromoo Abiishee Garbaa irratti raawwatee tureen kan wal fakkaatu irratti raawwatanii jiraachuus miira aarii fi gaddaan dubbataniiru.

Exit mobile version