ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024
Dafqa haadha hiyyeessaan guutuu Oromiyaa keessatti kan miindeeffaman kashalabbootni sirnichaa leenjii siyaasaa fi waraanaa ga’aa hin qabne, unkaa fi sansakkaa waraanaa malee uummatatti bobbaafamuun maqaa nageenya tiksinaan duguggaa sanyii fi saamicha raawwataniin alatti mooraa isaanii nagaa dhorkatu.
Baadiyyaa Oromiyaa keessa naanna’uun maallaqa uummata irraa maqaa qabeenya Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun saaman dhugaatii alkoolii ittiin dhuguun mana dhugaatichaa keessatti sanyummaan wal qoodanii yeroo garaagaraatti ajjeechaa wal irratti raawwatu.
Arsii Bahaa aanaa Asakoo magaalaa Asakoo keessatti kaleessa Waxabajjii 22, 2024 loltootni kunneen dafqa haadha hiyyeessaa erga saamanii booda mana dhugaatiitti walga’uun erga dhuganii machaa’aniin booda sanyummaan wal qoodanii walii isaanii ajjeesuu fi madeessuu maddeen keenya magaalichaa ONM’f himeera.
Waraanni kaayyoo hin qabne kun du’a miseensota sana irraa ka’uun wal shakkii hamaa keessa wal galchuun caasaa Waraana Bilisummaa Oromootu nu keessa galee jira jechuun wal hidhuu fi qorannoo jabaa wal irratti geggeessaa akka jiranis maddeen kun dabaluun ibseera.

