Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Ona Nuunnuu Qumbaatti waraanni goolessaan Raayyaa Ittisa impaayerattii  uummata reebuu fi saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024

Waraanni uummata Oromoo garmalee dararuuf bobbaafame waraanni goolessaan Raayyaa Ittisa Impaayerattii, godina Baha Wallaggaa Ona Nuunnuu Qumbaa magaalaa Daalattiitti uummata garmalee reebuu fi saamaa jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan, magaalaa Daalattii irraa nama maqaan ishee Aadde Lalisee Faxxanaa jedhamtu Waxabajjii 16, 2024 halkan sa’atii 9:00’tti mana nyaataa ishee cabsuun “WBO’tu asii nyaate” jedhanii garmalee erga reebanii booda, dhugaatii mana sana keessatti argamu hunda walsaamanii dhuguun qarshii fi meeshaalee isaan barbaachisu hunda saamanii jiraachuu namoonni magaalichaa itti dhiyeenyaan beekan himan.

Kana malees, guyyaadhuma kana barataa Mana amantaa Musliimaa ykn Darasaa fi umuriin isaa waggaa 16 ta’e mana itti cabsuun badii tokko malee reebichaan qaama erga laalessanii booda, bilbila guddaa harkaa saamuu fi dararaa hamaan jiraattota onichaarra gahaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version