ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024
Murni dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun jabummaa itti fakkaatu bilxiginnaan, kichuu abdii borii Oromoo fi Oromiyaaf ta’an rasaasaan waadee ajjeesuun barcuma aangoo isaa of jalatti tiksaa jira.
Oromoon akka sabaatti impaayeera Itoophiyaa keessatti jibbamaa fi sodaatamaa ta’e murni aangoo of harkaa qabus tokkummaa sabichaa jibbuun waraana leenjisee kutaa waraanaa qabu hundumaa Oromiyaatti bobbaasee ajjeesuu jabeessaa jira. Lola waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisaa jiru irrattis injifachuu dadhabuun hawaasa nagaatti dugda isaa deeffatee ajjeesuu qofa furmaata taasisuun Waxabajji 21, 2024 aanaa Boojjii Dirmajjiitti namoota lama ajjeesuun tokko madeessuun himameera.
Ajjeechaa suukkaneessaan kun ganda Darroo Sombootti namoota maqaan isaanii Maatiwoos Taarikuu fi Takiluu Qaabataa kan jedhaman irratti yoo ta’u, obboleessa Takiluu, Daannoo Qaabataa ammoo rasaasaan rukutuun madeessaniiru.
Sababni ajjeefamuu namoota nagaa kanaas waraanni faashistii PP kunneen WBO’n haleellaa isaan irratti taasisuun hedduu isaanii du’aa fi madoon adabee of duuba waan deebiseef haaloo namoota nagaa irratti akka ba’anis ONM ifoomseera.

