Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni PP Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Birmajjii keessatti hidhaa uummata irratti jabeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Eebla 2, 2025 

Ajajaan Bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimed Kallattii isaaf danda’amu maraan uummata Oromootti qaamota teessuma aangoo isaa tiksan itti bobbaasee hiraarsaa kan oolu, yakka tokko malee qe’ee fi qabeenya isaa irraa adamsee hidhuu, saamicha irratti taasisuu fi yakkoota garaa garaa raawwachuu cimsee itti fufuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Dirmajjii keessatti hidhamtoota siyaasaa baatii dheeraaf hidhee dararaa jiraachuun beekameera.

Bifuma kanaanis aanaa Boojjii Dirmajjiitti  namoonni baay’inaan 50 ol ta’an baatii 5 oliif magaalaa Biilaatti jumlaan hidhamanii hiraarfamaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa muraasni maqaan nu ga’e: 

  1. Daawwit Abaatee, 
  2. Qannoo Girmaa, 
  3. Saamu’eel Waaqtolaa, 
  4. Maammush Dabalii, 
  5. Daani’eel Habtaamuu fi 
  6. shamarree Shummaabeet kan jedhamtu dabalatee 

kanneen ammaaf maqaan isaanii nu hin geenye danuun dararamaa jiraachuun ifoomeera.

Kana malees kaabinoota sirnichaa lama kanneen maqaan isaanii: 

  1. Girmaa Toleeraa fi 
  2. Maatiwoos jedhaman 

maqaa qeerroof waraqaa eenyummaa baastan jedhuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen dabaluun ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version