ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024
Sirni micciramaan daba malee gaarummaa tokko ilma Oromoof hin yaadne bilxiginnaan, ilmaan Oromoo dargaggootaa hanga maanguddootti afaan qawween ukkaamsuun barcuma aangoo isaa ittiin tikfachuuf dirree waraana isaatti guurus, ilmaan Oromoo kanneen diinummaa sirnichaa baran hidhannoo guutuun gara qabsoo bilisummaa Oromoo gooticha waraana bilisummaa Oromoon geggeeffamaa jiruutti yeroo irraa gara yerootti makamaa jiru.
Akka kanaanis Waxabajjii 22, 2024 waraanni sirnichaa tokko kan gaheen isaa hoogganaa Gaantaa ta’e mooraa waraana PP godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu ganda Utuluu keessatti argamu keessaa hidhannoo guutuun WBO’tti makamee jira.
Loltuun Kunis Qawwee AKM Turkii tokko, rasaasa 150 fi hidhannoo tokko mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Itti dabaluunis kanaan dura diina uummata isaatti roorrisaa jiru kanaaf qawwee baatee tajaajilaa turuu isaatti gaabbee, warreen Oromoo ta’anii diinaaf ergamaa jiraniinis osoo yeroon isaanitti hin barfanne hidhannoof qawwee isaanii waliin gara qabsoo bilisummaa saba isaaniitti akka makaman jechuun dhaamsa dabarfateera.

