Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu keessatti uummanni Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa loltoota sirnichaan buqqaafame

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024

Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo sakattaana jedhu of dura qabanii akkaataa ittiin uummaticha lafa irraa balleessan sagantaa cimaa baafachuun murni bilxiginnaa yeroo ammaa haala uummatichi deebi’ee of hin ijaarreen manaa fi qabeenyaa isaan ala gochuun maatii bakkeetti facaasanii gidirsaa jiru.

Adoolessa 24, 2024 irraa eegaluun godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu gandoota sadi kanneen akka Utuluu, Odee Kalaalaa fi Dubannaa keessa ilmaan Oromoo jiraatan sababa tokko malee qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa akka buqqa’an gochuun beekameera.

Uummanni gandoota jedhaman kanaas yeroo jedhame kana keessatti gadi dhiistanii hin baatan taanaan tarkaanfii WBO irratti fudhannu isin irrattis ni fudhanna jechuun akkeekkachiisuu isaaniis ibsan.

Uummatni qabeenya keenya dhiisnee hin baqannu jedhan loltoota sirnichaan ooyiruu fi beelladoota isaanii irraa gara bosonaatti baqachiifamaa akka jiranis dabaluun ibsaniiru. 

Gareen PP kun akkuma kanaan dura dinagdee uummata Oromoo balleessuun beelaaf saaxilaa ture ammas uummanni kun qabeenya isaa dhiisee baqatee hiyyummaa fi gadadoo hamtuuf saaxilamee harka Bilxiginnaatti akka kufuuf bakka hundatti karoorfatanii hojjechaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version