ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024
Gootichi abdii sabaa WBOn Zoonii Madda Albuudaa Bobbaa Irbuu Shinniiggaan tarkaanfii fudhatu itti fufuun har’a Waxabajjii 23 godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraa keessatti waraana faashistii PP irratti injifannoo galmeessee jira.
WBOn Cibraa Odaa Adoolaa lola ganda Ancooqaa mooraa diina irratti taasiseen mooricha keessaa ari’ee baaseera. Humna birmannaaf ganda Eebba Iddaa irra dhuftes rukutuun ofduuba deebiseera.
Zoonii Madda Albuudaa keessatti lola Birgeediin Biiftuu Bariitii fi Cibraan Laga Dambii waliin waraana Abiy Ahimed irratti taasisaniinis qawwee AKM 5 dugda diinaa irraa hiikuun moora qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

