ONM-ABO Fulbaana 29, 2024
WBOn Zoonii Madda Albuudaa godina Gujii Bahaa Aanaa Waadaraa keessatti mooraa waraana PP gandoota 4 irratti Fulbaana 28-29, 2024tti walitti fufiinsaan tarkaanfii fudhateen humna diinaa mooraa gandoota afurii keessaa baasuun to’atee jira.
Tarkaanfii kanaanis ergamtoota Abiy Ahimed 100 ol ajjeesee hedduus madeessuun loltoota Bilxiginnaa 6 harkaan yoo qabu, madoo ishee ammoo 5 booji’eera. Lola kanaanis meeshaalee waraana hedduu fi qorichoota garaagaraa hedduus irraa booji’uun galii mooraa qabsoof taasiseera.
Gandootni WBOn diina keessa daaressee to’annoo isa jala oolche:
- Ganda Booramaa Gaalessoo
- Ganda Darba Hidhaa Diimaa
- Ganda Eebbaa Iddaa
- Ganda Gadamsoo ta’uun barameera.
Tarkaanfii guyyoota lamaan kanaatiin injifannoon gama meeshaatiin waraana maafiyaa PP irratti gonfatame
~ Qawwee AKM 25
~ PKM 1
~ Rasaasota gargaraa hedduu
~ Uffata waraanaa
~ Qorichootaa fi
~ Galaa waraanaa hedduu irraa booji’uun galii moonaa qabsoof taasiseera.
Suuraaleen meeshaale fi qorichoota akkasumas galaa tiksitoota barcuma Abiy Ahimed irraa booji’aman sababa rakkoo qunnamtii interneetiif yeroon hin arganne waan ta’eef akkaataa nu qaqqabeen dabalataan isiniin geenya.
Tarkaanfii WBOn fudhatu itti fufa❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

